Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun, Ityoophiyaatti ambaasaaddara Raashiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 1,2012(FBC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw, Ityoophiyaatti ambaasaaddara Raashiyaa Ibjeeniiy Tarakihin waliin mari’atan.
 
Raashiyaan dhimmi Hidha Haaromsaa mariidhan akka xumuramu fedhii qabdu ambaasaaddarichi beeksisaniiru.
 
Raashiyaan deeggarsa barbaachisaa gochuufis qophaa’ummaa qabdus ibsaniiru.
 
Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa Caamsaa 27,2012 ibsi Hidha Haaromsaa ilaalchisuun baasen, fayyadamtummaa haqa qabeessa mirkaneessuu obbo Gadduun galateeffataniiru.
 
Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan dhimma ijaarsa hidhichaa akkaataa waliigaltee bara Faranjootaa 2015tin mariidhan akka xumuran ejjennoon qabate kan galateeffamudha jedhan obbo Gadduun.
 
Ambaasaaddarichis hariiroon Ityoophiyaa fi Raashiyaa cimee akka itti fufu fedhii biyya isaanii ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.