Fana: At a Speed of Life!

Sudaan ammeentaa elektiriikaa Ityoophiyaarraa bittu guddisuufi

Finfinnee, Waxabajjii 1,2012(FBC)- Sudaan ammeentaa elektiriikaa Ityoophiyaarraa bittu guddisuufi.

Sudaan kana kan murteessite qorannaa sararoota humna elektiriikaa ega xumurteen booda, hanqina dhiyeessii ishee mudateeni.

Hanqina dhiyeessii elektiriikaa kanas furuuf ammeentaa elektiriikaa Ityoophiyaarraa bittu guddisuu akka barbaaddu beeksisteetti.

Ministirri Inarjii fi Albuudaa Sudaan Adeel Ibraahiim kaleessa akka beeksisanitti, biyyi isaanii ammeetaa elektiriikaa Ityoophiyaarraa argattu dachaadhan dabaluu barbaaddi.

Fedhichis dhiyeessicha guyyaatti meeggaa waatii 200 qaqqabsiisa jedhan.

Qorannaan sarara elektiriikaa Sudaanii fi Ityoophiyaa xumuramaa jiraachuus beeksisaniiru.

Qorannaa teeknikaa kanaanis elektiriikni meeggaa waatiin 100 hanga 200 akka dhiyaatu dandeessisa jedhan.

Galf 365

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.