Fana: At a Speed of Life!

Qulqullinni ijaarsa Hidha Haaromsaa, hidhoota Sudaanii fi Gibts ni caala – ministira Ministeera Jallisii fi Qabeenya Bishaanii Sudaan

Finfinnee, Waxabajjii 1,2012(FBC)- Ministirri Ministeera Jallisii fi Qabeenya Bishaanii Sudaan Yaasiir Aabbaas qulqullinnii fi nageenyi ijaarsa Hidha Haaromsaa, kan Sudaanii fi Gibts kan caalu ta’uu beeksisan.
 
Ijaarsi hidhichaa hidhoota Sudaanii fi Gibts keessatti ijaarraman caalaa karaa kamiinuu amansiisadha jedhan.
 
Ministirichi Hidhi Haaromsaa hidha kamuu caalaa Sudaanitti dhiyoo ta’uu beeksisaniiru.
 
Sadarkaa qulqullina ijaarsasaas hidhoota Sudaanii fi Gibst keessa jiran caalaa amansiisadha jedhan.
 
Meeshaalee, galteewwanii fi teeknooloojiin ijaarsasaa amansiisadhaan ibsan.
 
Sudaan ijaaramuu Hidha Haaromsaarraa fayyadamoo ni taatis jedhan.
 
Ministirichi Sudaan, Ityoophiyaa deeggaruuf qofa ijaarsi hidhichaa akka xumuramu hin hawwine; fedhii lammiileeshees waan mirkaneessuf malee jedhan.
 
Ityoophiyaan jalqabumaa kaasee ijaaramuun hidhichaa faayidaa biyya kamiitiuu akka hin miine, fayyadamtummaa waloo mirkaneessuuf kan ijaarramu ta’uu fi mirga qabeenya uumamaasheetti fayyadamuu akka ta’e ibsaa turteetti.
 
Maddi; middle east monitor
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.