Daldalli alaa Ityoophiyaa %13 guddateera – MM Dooktar Abiy
Finfinnee, Waxabajjii 1,2012(FBC)- Daldalli alaa Ityoophiyaa %13 guddateera jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRItif laataniin bara darbe daldalli alaa %13 guddachuu ibsaniiru.
Koreen diinagdee maakroo; gabaan alaa akka guddatu hojjechaa tureera. Baatiiwwan kurnan darbanitti bunni Doolaara miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 67 gurguramee guddinni gabaa bunaa %16 galmaa’era.
Gabaan oomisha foonii gurgurtaa Doolaara miiliyoona 41, %21 guddateera jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad. Hojiin itti aanus guddina kana itti fufsiisudhaan ibsan.
Baatiiwwan kurnan darbanitti warqeen Doolaara miiliyoona 27 baasu Baankii Biyyoolessaa Ityoophiyaatif dhiyaatera.
Boba’aan alaa galaa ture hir’achuu isaatin Doolaara miiliyoona dhibbaa lakkaa’amu qusachuu dandeenyerraan ibsan.
Ammeentaa dawaa fi xaa’oo alaa galu daballeerras jedhan.
Dameen tajaajilaa sababii koroonaatin miidhameera; reemiitaansiin alaa argamaa tures hir’ateera.
Weerarri vaayrasichaa diinagdee miidhaa akka jiru hunduu ni hubata; yaa ta’uutii rakkinicharraa dandamachuuf hojjetamaa jira jedhan.
Barana guddina diinagdee %9 galmeessisuun yaadameet ture; yaata’uutii sababii weerara vaayrasii koroonaatin guddinni diinagdee %6 ni galmaa’a jedhaniiru.
Filannoon biyyoolessaa akka gaggeeffamu fedhii guddaa qabna turre; Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa qophii barbaachisaa akka hin taasisin ibsuu isaatii fi weerarri vaayrasiin koroonaa gufate uumera jedhan. Dhumarras hiikkaan heeraa hojiirra akka oolu murtaa’uun ni yaadatama jedhan.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.