Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti hospitaaloonni ammayyaa’oon 2 ijjaarramuufi

Finfinnee, Caamsaa 30, 2012 (FBC) – Bulchinsa magaalaa Finfinneetti hoospitaalonni ammaayyaa’oo lama ijaaruuf qophiin taasifamaa jiraachuu bulchiinsi magaalicha beeksiseera.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan fi ministirri ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa qaamolee ilaallatuu waliin diizaaynii hoospitaalichaa fi dhimmoota walqabataan irratti mari’ataniiru.

hoospitaalonni kunneenis kutaa magaaloota Nifaas Silk Laaftoo fi Kolfee Qaraaniyootti kan ijaarraman ta’u ibsaniiru.

Magaalichatti lakkoofsi fayyadamtoota yeroodha gara yerootti dabalaa waan dhufeef lakkoofsi hoospitaaloonni dabaluun barbaachisaa ta’u Injinaar Taakkalaan ibsaniiru.

Magaalaa Finfinneetti hoospitaalonnni mootummaa 6 kan jiran yoo ta’a, sireewwan kuma 1 fi 557 qabu jedhaniiru.

hoospitaalonni lameen wayita ijaarsii isaanii xumuraammu sireewwan kuma 1 ol akka qaban ragaan waajjira kantibaa irraa argannee ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.