Fana: At a Speed of Life!

Dhiiga arjoomuun cimee itti fufuu akka qabu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Tattaaffii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamu cinaatti dhiiga arjoomuun cimee itti fufuu akka qabu waamichi dhiyaate.
 
Tattaaffii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamu cinaatti gochaan dhiiga arjoomuu cimee itti fufuu akka qabu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan waamicha dhiyeessan.
 
Hoggantoonni alaanoon Ministeera Fayyaa har’a Tajaajjila Baankii Dhiigaa Biyyoolessaatti argamuun dhiiga arjoomaniiru.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan tola ooltoonni dhiiga arjooman har’achuu Dooktar Liyaan ibsaniiru.
 
Rakkoo kana furuuf hojii hojjetameen yeroo ammaa lakkoofsi namoota dhiiga arjoomanii dabalaa dhufuu eeraniiru.
 
Keessattuu magaalaa Finfinneetti lakkoofsi namoota dhiiga arjoomanii guyyaa gara guyyaatti dabalaa jiraachuu himaniiru.
 
Naannoolee biroottis haaluma kanaan hojiin dhiiga arjoomuu cimee itti fufu akka qabu dhaamaniiru.
 
Yeroo ammaa dhukkubsattoonni dhiiga barbaadaan hedduminaan jiraachuu himaniiru.
 
Yeroo weerarri vaayrasii koroonaa rakkoo Fayyaa hammaataa ta’e kanatti dhiiga arjoomuun gatii guddaa jedhan Dooktar Liyaan.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.