Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa baasii ji’aa uwwisuun diinagdee biyyaaf deeggarsa taasisaa jiraachuun himame
Finfinnee, Caamsaa 25, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa baasii ji’aa uwwisuun diinagdee biyyaaf deeggarsa taasisaa jiraachuun himame.
Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa Doolaara Miiliyoona 100 fi miiliyoona 20 ol galchuun baasii ji’aa uwwisuun diinagdee biyyaaf deeggarsa taasisaa jiraachuu obbo Tawaldee Gabramaariyaam himan.
Hojii Gaggeessaa Olaanaan Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaariyaam akka himanitti daandiin qilleensichaa ariifate gara tajaajila kaargootti seenuun isaa bu’aa qabeessa taasiseera.
Dhiibbaa COVID-19 addunyaarran ga’e dandii qilleensa Ityoophiyaarras ga’uu ibsuun, daandiiwwan qilleensaa hedduun deeggarsaa fi liqii keessa wayita galanitti dandiin qilleensa Ityoophiyaa baasii ji’aa uwwisuun mootummaaf deeggarsa gochuurra ga’eera jedhan.
Daandiin qilleensichaa guyyaan habaaboo toonii 200 hanga 300 biyyoota garagaraatti imalchiisuun Ityoophiyaatti oomishni habaaboo akka jajjabaatuu fi sharafa alaan diinagdee deeggaraa jira jedhaniiru.
Baatii Ramadaanaa foon gara biyyoota Baha Giddugaleessatti imalchiisuun galii argachuusas ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.