Weerara vaayrasii koroonaatin booda, Ityoophiyaan biyyoota daawwataman 7 keessaa takka jedhame
Finfinnee, Caamsaa 24, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaatin booda, Ityoophiyaan biyyoota addunyaa daawwataman 7 keessaa takka ta’uun ibsame.
Barruun Foorbis weerara vaayrasii koroonaatin booda biyyoota daawwatamuu qaban kan jedhe tarreessera.
Barruun beekamaa Ameerikaa kun dameen tuuriizimii, diinagdee weerara vaayrasii koroonaatin miidhame ta’uu beeksiseera.
Ityoophiyaan hawwattoota tuuriizimii, hambaalee, qabeenya uumamaa qabduun tuuriizimiif adda duree ni taati jedheera.
Ityoophiyaa dabalatee, Iiraan, Maaynaamaar, Joorjiyaa, Filippiins, Sloovaaniyaa fi Tuuniiziyaan weerara vaayrasii koroonaatin booda biyyoota daawwatamaniin tarreessera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.