Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Afxiraa boru Finfinneetti gaggeeffamu hordofee daandiwwan tajaajila tiraafikaaf cufaman ifooman

Finfinnee, Bitootessa 6, 2017 (FMC) – Poolisiin Magaalaa Finfinnee Sagantaa Afxiraa boru Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffamu hordofee daandiwwan tajaajila tiraafikaaf cufaman ifoomseera.

Haaluma kanaan boru sa’aatii 5:00 eegalee:-

-Daandiin Olompiyaa gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Addabaabayii Olompiyaatti,

– Daandiin Addabaabayii Xilahuunii gara Ibsaa Sanjooseef fudhatu Addabaabayii Xilahuuniitti, Konkolaattoonni guguddoon ammoo Agoonaatti.

– Laga Harree gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu Ibsaa Laga Harreetti,

– Qaxxaamura Teelee gara Istaadiyeemii kan fudhatu Qaxxaamura Teeleetti,

– Ibsaa Harraambee gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu Ibsaa Harraambeetti,

– Masaraa biyyaalessaa gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu Masaraa biyyaalessaatti,

– Addabaabayii Qulqulluu Uraa’elii gara gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu sagantichi hanga xumuramutti tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’uu himeera.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.