Fana: At a Speed of Life!

ABUT gochawwan ummata rakkoo keessa galchan uumuurraa of qusachuu qaba – Paartii Diimookraataawaa Tigraay

Finfinnee, Bitootessa 6, 2017 (FMC) – ABUT gochawwan ummata rakkoo keessa galchan uumuurraa of qusachuu akka qabu Paartiin Diimookraataawaa Tigraay hubachiise.

Hoggantoonni Paartichaa haala waqtaawaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Naannoo Tigraayitti gochaawwan gareen ABUT uumaan ummatarratti Dhiibbaa qaqqabsiisaa jiraachuu Dura Taa’aan Paartichaa Dooktar Aragaawwii Bariheen ibsaniiru.

Haala waqtaawaa naannichaa hordofee qaamoleen karaalee adda addaan ummata Tigraayirratti dhiibbaa uumaa jiran gochicharraa akka of qusatan gaafataniiru.

Waliigalteen nageenyaa Piriitooriyaa fedhii ummataa kan kabachiise, rakkoolee turan karaa nagaan akka furaman karra kan bane waliigaltee seenaa qabeessa ta’uu ibsichi eereera.

Yaa ta’uutii Waliigaltichi karaa guutuun hojiirra akka hin oolle gareen ABUT gufuu ta’aa jiraachuu himeera.

Gareen kun qabeenya bara aangorra ture kuufate nan dhaba sodaa jedhuun ajandaalee adda addaa uumaa jiraachuu eeruun, adeemsicharraa akka of qusatu hubachiiseera.

Fedhiin ummataa nageenyaa fi misooma ta’uu himuun, mootummaan Federaalaa waliigaltee Piriitooriyaa guutummaatti hojiitti hiikuuf tattaaffii taasisaa jiru cimsee akka itti fufu gaafateera.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.