Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 29ffaan taphni Arsenaal Cheelsii keessummeessu ni eegama
Har’a waaree boodaa sa’aatii 12:00 eegalee taphoonni 4 kan taphataman yoo ta’u, falmiin Eevartan – Weest Haam, Ipisiwiich – Nootingahaam Foresti, Maanchiister Siitii – Biraayitanii fi Saawuuz Hampitan – Woolviis waliin taasisan ni eegama.
Halkan sa’aatii 2:30 jalqabee Boornimaawuuz – Bireentifoord waliin taphata.
Boru waaree booda sa’aatii 10:30 jalqabee morkiin Arsenaal Cheelsii waliin taasisu hawwiin eegama.
Sa’aatuma walfakkaatuutti taphni Fuulhaam Tootenhaam waliin taphatu xiyyeeffannoo argateera.
Halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Leester Siitiin Maanchiister Yuunaayitiid keessummeessa.
#Oromia #Ityoophiyaa