Itiyoophiyaafi Raashiyaan haala humna galaanaa irratti waliin hojjechuu danda’an irratti mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Humnoonni Galaanaa Itiyoophiyaafi Raashiyaa haala waliin hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru.
Jilli Ajajaa Itti Aanaa Humna Galaanaa Raashiyaa Admiiraal Viilaadmiir Voorbiiviin durfamu dhaabbilee Humni Galaanarraa Itiyoophiyaa ijaarsisaa jiru Qajeelcha Waliigalaafi Giddugala Leenjii Bishooftuutti argamu daawwateera.
Daawwannichaan booda tumsa gara fuulduraatti Humna Galaanaa Itiyoophiyaa waliin qabaatan irratti mari’achuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Ajajaa Itti Aanaan damee oopreeshinii Koomoodoor Jamaal Tuufiisaan, tumsi kun leenjiifi ijaarsa dandeettii irratti xiyyeeffachuu eeraniiru.
Gara fuulduraatti waliin hojjechuun ijaarsa humna galaanarraa dhaabbatichi jalqabe cimsuuf akkasumas bishaan idil addunyaa irratti faayidaa biyya keenyaa daran cimsuuf mari’anneerra jedhan.
Marichaan booda Haala humna galaanarraa waloon cimsaniifi tumsa fuula duraa mijeessuuf waliigaltee waliif mallatteessuu ibsameera.
#Oromia #Ethiopia