Fana: At a Speed of Life!

Caamsaan 20 guyyaa seenaan Ityoophiyaa itti jijjiirrame keessaa tokko – MM FDRI Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa baga geessanii injifannoo caamsaa 20 dabarsan.
 
Dooktar Abiy,Caamsaan 20 guyyaa seenaan Ityoophiyaa itti jijjiirrame keessaa tokkodha jedhan ergaa isaaniin.
 
Qabsaa’oonni, Ityoophiyaatti sirna Demookraasii, walqixummaa fi nageenya fiduuf lubbuu qaalii kaffalaaniiru jedhan.
 
Caamsaan 20n guyyaa qabsaa’oonni wareegama qaalii itti kaffaluun walqixxummaa, tokkummaa sab daneessa, fayyadamummaa fi haqa qabeessummaa itti mirkaneessan ta’uu ibsaniiru.
 
Caamsaa 20 yeroo kabajnu kaayyoo wareegamtoonni kunneen itti wareegaman yaadachuun barbaachisaadha jedhan.
 
Qabsaa’oonni Caamsaa 20 fidan,Ityoophiyaa gara Caamsaa 22tti ceesisuuf malee gara Caamsaa 19tti deebisuufii miti jedhan Dooktar Abiy.
 
Ityoophiyaan madaallii kamiinuu Caamsaa 20 darbuun Caamsaa 21 ce’uun gara Caamsaa 22 ga’uuf turte jedhan.
 
Kaayyoo wareegamtootaa galmaan ga’uu kan dandeenyu kallattii hundaan Ityoophiyaa Caamsaa 19 irra fooyyoftuu taate ijaaruu yoo dandeenyadha jedhan ergaa guyyaa caamsaa 20 bara 2012 ilaalchisuun dabarsaniin.
 
Kaayyoon Badhaadhinaa Caamsaa 19 yaadachuun boonuu osoo hin taane biyyattii gara Caamsaa 22tti ceesisuudha.
 
Yeroo yaadannoo injifannoo caamsaa 2o kabajnu irree tokkoomeen Caamsaa 20 kan caaluu Caamsaan 19n akka hin deebine sirna mijataa ta’ee ijaaruuf waadaa haaroomsuu fi gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf ta’anii argamuun murteessaa ta’uu hiamniiru.
 
Kabajni qabsaa’oota lafee fi dhiigan ummata Ityoophiyaa tursiisuuf wareeggamaniif yaa ta’u!
Ityoophiyaan tattaafii ilmaan isheen kabajamtee bara baraan yaa jiraattu!!
Waaqayyoon Ityoophiyaa fi uumata ishee yaa eebbisu, jechuun Fuula Feesbuukii isaaniin ergaa dabarsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.