Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun hojii raawwachiisaa olaanaa dhaabbata Qonnaa fi Nyaata addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw hojii raawwachiisaa olaanaa dhaabbata Qonnaa fi Nyaata addunyaa Deeviid Biisliiy waliin mari’atan.
 
Marii isaaniin haala weerara vaayrasii koroonaa, hoomaa awwaannisaa fi balaa lolaa qindoominaan ittisuun danda’amuratti mari’ataniiru.
 
Waa’ee Hidha Haaroomsaarratti odeeffannoo waljijjiiraniiru jedhame.
 
Obbo Gadduun deeggarsa dhaabbatichi Ityoophiyaaf taasisaa jiru galateeffaniiru.
 
Ityoophiyaan hariiroo dhaabbaticha waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uus ibsaniiru.
 
Tattaaffii Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasisaa jirturrattis Obbo Gadduun ibsa laataniiru.
 
Dabalataan miidhaa weerarri hoomaa awwaannisaa fi balaan lolaa Ityoophiyaa fi biyyoota ollaatti qaqqabsiisaa jiru ilaalchisees ibsi laatameera.
 
Hawaasni addunyaa fi dhaabbanni Qonnaa fi Nyaata addunyaa biyyoota gaafa Afrikaaf yeroo kamiiyyuu caalaa deeggarsa taasisan cimsuu akka qaban obbo Gadduun waamicha dhiyeessaniiru.
 
Garaagarummaa marii hidha haaroomsaa biyyoota sadan gidduutti muul’ate karaa nagaan akka furamuuf hawaasni addunyaa deeggarsa taasisuu akka qabus obbo Gadduun gaafataniiru.
 
Deeviid Biisliiy gama isaaniin, Dhaabbanni Qonnaa fi Nyaata Addunyaa hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu caalmaatti cimsuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
 
Tattaffii Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa, hoomaa awwaannisaa fi balaa lolaa ittisuuf taasisaa jirtu dinqisiifataniiru.
 
Biyyoonni sadan garaagarummaa hidha haaroomsaarratti qaban mariin furuu akka qabanis hubachiisuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.