Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa taasifti cimsitee kan itti fuftu ta’uu Chaayinaan beeksifte

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012 (FBC) – Afrikaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Chaayinaan beeksifte.
 
Tattaaffii Afrikaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasiftu, Chaayinaan itti fufiinsaan kan deeggartu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii beeksise.
 
Ministirri Dhimma alaa Chaayinaa Waang Yuun, Chaayinaan Afrikaa waliin hariiroo cimaa, baroota dheeraa lakkoofsise qabaachuu ibsa laataniin eeraniiru.
 
Waayita Chaayinaan weerara vaayrasii koroonaan dhiphina cimaa keessa turte, biyyoonni Afrikaa aantummaa Chaayinaaf qaban agarsiisaniiru jedhan Waang Yuun.
 
Waang Yuun, hoggantooni biyyoota Afrikaa 50 ol ta’an waayita weerarichaa Chaayinaa cinaa kan dhaabbatan ta’uu mootummaa biyyattiif ergaa dabarsuu isaanii himaniiru.
 
Chaayinaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf biyyoota Afrikaa hedduuf ogeeyyii fayyaa eerguu ishee eeraniiru.
 
Chaayinaan,Ogeeyyii fayyaa biyyoota Afrikaa kuma 10 oliif muuxxannoo qooduu ishees himaniiru.
 
Lammiilee Afrikaa magaalaa Wuubee fi Wiihaan keessa jiraataniif akka lammii biyya isheetti kunuunsa taasisaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Yeroon ammaa hariiroo Chaayinaa fi Afrikaaf qormaata cimaa ta’us, Chaayinaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa taasiftu cimsitee itti fufti jedhan Waang Yuun.
 
Ijaarsi Waajjira Giddugala Too’annoo fi Ittisa Dhibee Afrikaa ariitiin akka xumuramuuf deeggarsa barbaachisu kan taasisan ta’uus Ministirichi himaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.