Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti lafti kaaree meetirri kumni dhibbi 4 fi kumni 60 seeraan ala qabamee ture qonnaan bultootaf dabarfame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti lafti kaaree meetirri kumni dhibbi 4 fi kumni 60 nama dhuunfaan qabamee ture qonnaan bultootaf dabarfame.
 
Lafichi magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti karaa seeran alaatin nama dhuunfatiin kan qabame ture.
 
Lafichis qonnaan bultoota buleeyyii naannichaa 160 ol ta’aniif dabarfameera.
 
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan yeroo lafichi qonnaan bultootaf dabarfamutti argamuun, laficha qonnaan bultoonni qonna magaalatiif kan oolchan ta’a jedhan.
 
Qonnaan bultoonni lafa kana ilmaan isaanii waliin ta’uudhan misoomsuun, ofii fi magaalaa Finfinnee kan fayyadan ta’a jedhan.
 
Ebila 17,2012 Koomiishiniin Poolisii Finfinnee dhimma lafa kanaa qulqulleessaa akka ture beeksisuun isaa ni yaadatama.
 
Dhimmichas Koomiishiniin Poolisii Finfinnee fi Nageenyi Odeeffannoo fi Biyyoolessaa hordofaa turuun har’a qonnaan bultootaf deebi’eera.
 
Koomiishinichi lafa kanaanis namni tokkichi Birrii miiliyoona 60 walitti qabuu irra ga’uu beeksiseet ture.
 
Lafti kaaree meetirri kumni dhibbi 4 fi kumni 60 yookin heektaarri 46, lafa qonnaan bultootaa, kan dhaabbileedhaf qabaman, baankii lafaa jala kan turetu keessatti argama.
 
Injiinar Taakkalaan qonnaan bultootaf deeggarsi misoomaa kan taasifamu ta’uu ibsuun, lafti biroo bifa walfakkaataa ta’een qabame qulqulleeffamee kan deebifamu ta’uu eeran.
 
Qonnaan bultoonnis lafti irraa fayyadamaa turan deebi’uufii isaatin galateeffataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.