Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa sa’aa 24tin namoota 73 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbe keessatti hojjetameen namoota 73 irratti vaayrasiin koroonaa argame.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti samuudaan namoota 2,844 qoratameera.
 
Namoota vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e torbaatamii sadan keessaa 49 dhiira, 24 ammoo dubartoota.
 
Umriin isaanii waggaa 6 hanga 75 ta’uu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.
 
Seenaa imalaa kan qaban 27, tuttuqqii kan qaban 15, seenaa imalaas ta’e tuttuqqii ifa ta’e qabaachuun isaanii kan hin mirkanaa’in 31.
 
73 keessaa 56 Finfinneedhaa ( 13 tuttuqqii kan qaban, 12 seenaa imala alaa kan qaban, 31 seenaa imala alaas ta’e tuttuqqii ifa ta’e kan hin qabaatin), 4 naannoo Tigraay (seenaa imala alaa kan qaban), 2 naannoo Amaaraa ( tuttuqqii kan qaban), 8 naannoo Soomaalee( seenaa imala alaa kan qaban), akkasumas 3 konkolaachistoota daangaa qaxxaamuruuti.
 
67 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, kan hafan ammoo lammiilee biyyoota 6 ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.
 
Waliigalaan amma ammaatti Ityoophiyaatti qorannaan laabraatoorii namoota 83,854 kan hojjetame yoo ta’u, vaayrasichi namoota 655 irratti argamun mirkanaa’era.
 
655 keessaa 489 hordoffii yaala adda baasanii argachaa jiru.
 
Hordoffii yaala cimaa keessa kan jiru 1, haaraa kan dandamatan 7.
 
Waliigaalaan amma ammaatti du’aatiin galmaa’e 5, gara biyya isaanii kan deebi’an 2.
 
Walumaagalatti lakkoofsi namoota dandamatanii ammoo 159 guutera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.