Fana: At a Speed of Life!

Kirkirri lafaa dandeettii teeknooloojii, qorannoo saayinsaawaa, xiinxalaa fi raagaa kan murteessudha-Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Amajjii 8, 2017 (FMC)- Qophaa’ummaan akeekkachiisa duraa fi deebii kennuu kirkira lafaa dandeettii teeknooloojii, qorannoo saayinsaawaa, xiinxalaa fi raagaa kenya kan murteessu ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgee Xurunaan ibsan.

Obbo Tamasgee Xurunaan, Yuunivarsiitii Finfinneetti Inistiitiyuutii Ji’oo Fiiziksii, Saayinsii Hawaa Fi Astiroonoomiitti hojiilee jajjabeessaa qorannoo saayinsaawaa kirkiraa lafaan walqabataan hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Walga’ii Ariifachiisaa Mana Maree Hoggansa Soda Balaa gaggeeffamuun akkaataa kallattii kaa’ameen hojiitti galamuu dubbataniiru.

Naannawaalee balichi mudatetti gareewwan raagaa, xiinxala saayinsaawaa, deeggarsa namoomaa, buufata yeroo bu’uuraalee misoomaa gurmeessuun hojiin karoorarratti hundaa’e gaggeeffamaa akka jiru kaasaniiru.

Mootummaan qophaa’ummaa biyyaalessaa yeroo gabaabaa fi dheeraa cimsuuf, dhaabbilee qorannoo fi qo’annoo, teeknooloojii ammayyaa’aa fi humna namaa ga’umsa qabuuniin guutame akka uumaman deeggarsi kan taasifamu ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.