Joo Baayidan Imaammata dhimma alaa bara bulchiinsa isaanii xumuraan Kuubaa tarree biyyoota shororkeessitoota tumsan jalaa haquufi jedhame
Finfinnee, Amajjii 7, 2017 (FMC) – Bara Aangoo isaanii xumuraa kan jiran Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Kuubaa tarree biyyoota shororkeessitoota tumsan jalaa haquuf ta’uu Waayit Haawus beeksise.
Kuubaa tarree biyyoota shororkeessitoota tumsanii jalaa baasuuf kan barbaadaniif lammiileesaanii hidhaman gadhiisisuuf ta’uu eerameera.
Ibsi Baayidan kun dhagahamee yeroo xiqqoo booda Kuubaan hidhamtoota 553 akka gadhiistu ibsite.
Ameerikaan duraanuu Kuubaa tarree tumsitoota shororkeessitootaa jalatti kan ramadde yoo ta’u, yeroo ammaa filatamee aangoo qabachuuf sirna raawwatamu eegaa kan jiru Doonaald Tiraamp bara 2021 xumura aangoosaarratti tarkaanfii kana cimsee ture.
Deeggarsa diinagdee fi meeshaalee gara Kuubaa ergamanis dhorke.
Yeroo ammaa Kuubaan biyyoota akka Kooriyaa Kaabaa, Siiriyaa fi Iraan waliin tarree biyyoota shororkeessitoota tumsanii jalatti ramadamtee jirti.
Tarkaanfiin Baayidan kun hidhamtoota biyyattii gadhiisisuu qofa osoo hin taane, hariiroo Kuubaa fi Ameerikaa akkaan laafee ture ni haaressaan abdatama.
Dhimmoota biyyoota lameen walitti hadheessan hedduu irratti mari’achuuf daandii saaqa jedhamuu BBCn gabaaseera.
Tiraamp wayita aangoo qabatee hojii eegalu murtee Baayidan kana kufaa taasisamoo hojiirra oolcha kan jedhu ifa miti.
#Oromia #Ethiopia