Itiyoophiyaan sirna nyaataa hundagaleessa jijjiirama qabeenya qilleensaaf hin jilbiifanne ijaaruuf hojjechaa jirti – Dooktar Girmaa Amantee
Finfinnee, Amajjii 7, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan sirna nyaataa hundagaleessa jijjiirama qabeenya qilleensaaf hin jilbiifanne ijaaruuf hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.
Waltajjiin Sirna nyaataa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruurratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.
Jijjiiramni qabeenya qilleensaa addunyaaf sodaa ta’aa dhufe sirna nyaataa lammiileerratti dhiibbaa akka hin uumne Itiyoophiyaan qindoominaan hojjechaa jiraachuu Dooktar Girmaan himaniiru.
Mootummaan Dhaabbilee Idil Addunyaa fi damee Dhuunfaa hirmaachisuun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Sirna nyaatarratti kan xiyyeeffate waliigaltee Waadaa Saqoxaarratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaaban eeraniiru.
Saamu’eel Warqaayehu, Masaafinti Birillee fi Soosinnaa Alamaayehutu gabaase.