Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni kutaalee Magaalaa Shaggar garaagaraa rakkooleen bu’uuraalee misoomaa nutti hammaate jedhan

Finfinnee, Amajjii 7, 2017 (FMC) –Bulchiinsi magaalaa Shaggar rakkoolee hawaasaa bu’uurarraa furuuf itti gaafatamummaa olaanaan hojjechaan jira jedhe.

Akka Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti uwwisa bu’uuraalee misoomaan walqabatee hawaasni komii bal’aa kaasaa jira.

Keessattuu rakkoon Daandii keessa Keessaa, hanqinni dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu fi tajaajila Elektirikaa caalmaatti nutti cime jedhu jiraattoonni.

Bu’uuraalee misoomaaf jedhamee kaffaltiin kaffalluu fi hojiin misoomaa hojjetamu walhingitu jechuun komatu.

Jiraattonni kutaa magaalaa Sulultaa Aanaa Wasarbii waggoottan sadan darbaniif suphaa daandii gaaffachaa turrus hanga ammaatti furmaata hin arganne jedhu.

Jiraattoonni Aanaa Wasarbii Zoonii Bariisaa rakkoo Daandii keessa keessaa hamaa qabaachuu dubbatu.

Ganna raareen Bona ammoo dhukkeen jireenya keenya gagaa’eera jedhu.

Daandiin kun saffisaan hin hojjetamne taanaan bobbaanee galuuf baay’ee rakkanna jechuun yaaddoo qaban Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Jiraattoonni kunneen rakkoo Tajaajila Elektirikaa illee qabaachuu dubbatu.

Lakkooftuu Elektirikaa argachuun daraan rakkisaadha jedhu.

Waggoottaan sadan darbaniif lakkooftuu Elektirikaa goonkuma argachuu akka hin dandeenye kaasu.

Handhuuraa kutaa magaalaa Sulultaa osoo jirruu rakkoo Bu’uura misoomaa hanga kanaaf saaxilamuun keenya qaanidha jechuun komatu.

Itti Gaafatamaan Waajjira Mana Qopheessaa Kutaa Magaalaa Sulultaa Obbo Darajjee Yaa’iin Komiin nu qaqqabe hin jiru, rakkoon kun jiraachuu quba hin qabnu jedhan.

Jiraattoonni kutaa magaalaa Gafarsaa Gujee, Malkaa Noonnoo fi Kuraa Jiddaas rakkoo bu’uuralee misoomaa walfakkaatu qabaachuu kaasu.

Itti Aantuu Hojii Gaggeessituun Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Aadde Nabiilaa Oliin rakkoon bu’uura misoomaa jiraachuu kan beekan ta’uu himuun, rakkoolee jiran sadarkaan furuuf ni hojjenna jedhan.

Rakkoolee jiran hiikuuf qaamolee dhimmi ilaallatuu fi hawaasa waliin qindoominaan kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa rakkoolee hawaasaa bu’uurarraa furuuf itti gaafatamummaa olaanaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Hubachiisa:- Suuraan kun Kutaa Magaalaa Sulultaa kan Aanaa Wasarbii yoo ta’u, suuraa ganna darbee fi amma fudhatameedha.

Siifan Magarsaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.