Lammiileen Itiyoophiyaa 164 Beeruutii gara biyyaa deebi’an
Finfinnee, Amajjii 5, 2017 (FMC) – Lammiileen Itiyoophiyaa Beeruutiitti haala rakkisaa keessa turan 164 gara biyyaa deebi’aniiru.
Lammiileen kunneen waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Hoggantoota Ministeera Dhimma Alaa fi Tajaajila Godaantootaa fi Godaansaa deebitootaan simatamaniiru.
#Oromiyaa #Ethiopia