Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila Geejjibaa fooyyessuuf murannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 4, 2017 (FMC) – Naannoleen Tajaajila Geejjibaa fooyyessuuf murannoon hojjechuu akka qaban Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsan.

Naannoolee fi bulchiinsi nagaalotaa muuxannoo magaalaa Finfinnee fudhachuun Tajaajila Geejjibaa fooyyessuuf hojjechuu akka qaban himaniiru.

Sosochiin muuxannoo waljijjiiruu mata duree ‘Daandii Namaaf’ jedhuun gaggeeffameera.

Hojiin jijjiiramaa Magaalaa Finfinnee fi akka biyyaatti gaggeeffamaa jiru Damee Geejjibaaf carraa kan uume ta’uu Dooktar Alamuun sagantaa guduunfaa sosochirraatti argamuun haasawa taasisaniin eeraniiru.

Hojiin misooma Koriidarii rakkoo damee Geejjibaan ture furuu himuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.