Balaan Ibiddaa Loos Anjelesitti mudateen hanga ammaatti lubbuun namoota 13 darbuu fi manneen kumni 12 ol barbaadaa’uu gabaafame
Finfinnee, Amajjii 4, 2017 (FMC) – Balaa Ibiddaa Ameerikaa Loos Anjelesitti mudateen hanga ammatti lubbuun namoota 13 yoo darbu, manneen jireenyaa fi Gamoowwan kumni 12 ol guutummaatti barbadaa’uu gabaafameera.
Ibiddichi to’annoo ala ta’uun babal’achaa jiraachuu hordofee jiraattoonni kumni 100 fi kumni 53 naannawaa jireenya isaanii akka gadi lakkisaan ajejamuu miidiyaaleen garaagaraa gabaasaniiru.
Balichi kallattiiwwan 6 babal’aachaa kan jiru yoo ta’uu, sa’aatii 24 keessatti lafa hektaara 400 uwwisaa jiraachuu ibsameera.
Manneen jireenyaa fi Gamoowwan kumni 57 ol balichaaf saaxilamoo ta’uu eerameera.
Akkasumas jiraattoonni kumni 100 fi kumni 66 of eeggannoo akka taasisan ajejamuu himameera.
#Oromiyaa #Ethiopia