Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pireezidaanti Shimallisiin durfamu Ruwaandaa Kiigaalitti hojiilee misooma Daawwate

Finfinnee, Amajjii 3, 2017 (FMC)-Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu Ruwaandaa Magaalaa Kiigaaliitti argamuun waltajjii muuxannoo waljijjiirra fi daawwannaa hojiilee misooma magaalaa garaagaraa gaggeesseera.

Waltajjiiwwan kanneen irratti dhimmoota dargaggootaa fi diinagdee jaarraa 21ffaan walqabatan, keessumaa beekumsa digiitaalaa, ogummaa, misooma dhaweessummaa (entrepreneurship Development) fi faayinaansiin walqabatan dhiyaataniiru.

Mariiwwan taasifamaniin dhimmoonni misooma manneenifi bu’uuraalee misoomaa, qulqullina magaalaafi bulchiinsa balfaa, tajaajila dijiitaalessuu eyyama ijaarsaa, fooyya’iinsa qaqqabummaa tajaajila bulchiinsaa, sirna kaffaltii dijiitaalaa geejjiba ummataafi bulchiinsa bu’uuraalee misoomaa irratti hubannoon qoodameera.

Akkasumas, jilichi kantiibaa Kiigaaliifi manaajimantii magaalichaa waliin dhimmoota bu’uuraalee sochii/daandii fi magariisummaa qarqara daandii, dhiyeessii mana jireenyaa, bulchiinsa balfaa, qulqullinafi magariisummaa magaalaa irratti adda durummaan mari’ateera.

Sagantaa daawwannaa tureen, jilichi lafa banaa ummataa (public spaces), pirojektii fooyyessa qubsuma al-idilee, inisheetivii Magaalaa Magariisaa Kiigaalii ilaalee jira.
Jillichi Tiraakii Fiigichaa Niyaarutaramaa kiiloomeetira 2.4 dheeratuufi meetira 4 baldhatus daawwateera.

Obbo Shimallis Abdiisaa, wayita pirojektii fooyyessa qubsuma al-idilee “Mpazi Rehousing Project” jedhamu daawwatanitti, foyya’iinsa jiruufi jireenyaa pirojektichi jiraattota biratti fiduuf dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Pirojektiin kun, lafa kanaan dura qubsuma al-idilee turee fi rakkoolee magaalaa hedduudhan beekkamu irraa fooyya’ee, gamoolee bilookii 19’tti ijaaraman irra kan jiru yoota’u, maatii 700 kan qabatuudha.

Dabalataanis, Riizortii Golfii Kiigaaliifi Viillaa (Kigali Golf Resort and Villas) magaalaa Kiigaalii iddoo Niyaarutaramaa (Nyarutarama) jedhamutti argamu daawwateera.

Daawwannaa kanaan, misooma magaalaa keessaa irratti muuxannoo waliif qooduun, rakkinootafi dilbii magaalonni qaban adda baasuun, magaalota wiirtuu carraawwanii gochuufi dinagdee ittifufaa ijaaruu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uun hubatameera.

Kaayyoon daawwannaa jila kanaa, magaalota Oromiyaatiif muuxannoowwan gaggaarii karoora magaalaa, jijjiirama dijitaalaafi bulchiinsa gaarii fudhachuun qulqullina fooyya’iinsa jireenyaa fidan achii madaksuun misooma koridoorii magaalootaa taasifamaa jiruu keessatti dinagdee ittifufiinsa qabu tarkaanfachiisuuf galtee guddaa kan ta’uudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imaammata magaalomsuu haaraa baasee hojiitti galaa kan jiru yoota’u, misooma koridaarii magaalotaas xiyyeeffannoo addaa itti kennee hojjataa jira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.