Gabaan Kaappitaalaa damee jireeyaa lammiilee jijjiiru akka ta’uuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uun akeekame
Finfinnee, Amajjii 3, 2017 (FMC)- Gabaan Kaappitaalaa damee diinagdee waliigalaa Itiyoophiyaa tumsuu fi jireenya lammiilee jijjiiru akka ta’uuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu Abbaan Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa ibse.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gabaa qabeenya Sanadaa Itiyoophiyaa kaleessaa kan eegalchiisan yoo ta’u, sirnaa eegalchiisaarratti waltajjiin mariis gaggeeffameera.
Waltajjii maricharratti Daayrektarri Olaantuu Abbaa Taayitichaa Haannaa Tahaalkuu akka ibsanitti, waggoottan darban kallattiiwwan imaammataa mootummaa, riifoormii diinagdee mandhalee fi hammattoowwan fooyyessii dinagdee waliigalaarraa ka’uun hojiin Gabaa Kaappitaalaa gurmeessuu gaggeeffamaa turuun eerameera.
Haaluma kanaan xiyyeeffannaa olaanaa kan ture hammattoowwan seeraa qopheessuu akka ture yaadachiisanii, hammattoon seeraa kun Abbaan Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa, Gabaa Qabeenyaa Sanadaa Itiyoophiyaa fi dhaabbileen gabichaa walquunnamsiisan akka beekaman taasifamuu kaasaniiru.
Labsichi gabicha saffisiisuuf dhaabbilee mijatanii fi teeknooloojiiwwan akka uumaman kan taasisuu hojmaanni diriirfamuu himaniiru.
Keessumaa invastaroota gidduutti daldalaa qabeenya sanadaa gaggeeffamu teeknooloojiin akka ta’uu fakkeenyan kaasaniiru.
Rakkoolee invastaroota miidhaa turan hambisuu fi ragaalee murteef gargaaraan akka argatan hojimaanni taasisu umamuu duabbataiiru.
Abbaan taayitichaa invastarri ijoon qabeenya sanadaa dhiyeessuun kan amanamuu gabaa kaappitaalaa ijaaruuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu akeekuu TOI gabaaseera.
Dabalataan qaamoleen qooda fudhattootaa gabicha keessatti hirmaannaa dammaqaa akka qabaatan, oomishaalee fi tajaajiloonni hedduun gabaaf akka dhiyaatanii fi hunda kan hirmaachise taasisuuf kan hojjjetamu ta’uu ibsaniiru.
Interpiraayizoota xixiqqaa fi gadaanaa akkasumaas damee dhuunfaa dabalatee hunduu akka hirmaatu hojmaanni diriirfamuu kaasaniiru.
Gabaan kaappitaalaa Itiyoophiyaa diinagdee waliigalaa kan tumsanii fi damee jireenya lammiilee jijjiiru akka ta’uuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Gabaan Qabeenya Sanadaa Itiyoophiya akaakuuwwan daldalaa sadii giddugaleeffachuun gabaalee garaagaraa sadii jechuunis Gabaa Aksiyoonaa, gabaa sanada idaa fi gabaa filmaataa kan dhiyeessu ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia