Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Poolisii eebbifaman qajeelummaan ummata tajaajiluu qabu jedhame

Finfinnee, Amajjii 3, 2017 (FMC)-Miseensonni Poolisii eebbifaman naamusa ogummaa fi qajeelummaan ummata magaalattii tajaajiluu akka qaban Kantiibaan Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hubachiisan.

Miseensonni Poolisii Idilee Magaalaa Finfinnee marsaa 29ffaa leenji’aan eebbifamaniiru.

Aadde Adaanech sirna eebbichaarratti argamuun haasawaa taasisaniin, eebbifamtoonni qajeelummaa fi naamusa ogummaan ummata magaalattii tajaajiluu akka qaban hubachiisan.

Poolisii cimaa sadarkaa magaalatti gitu gama ijaaruun humna namaa ga’aa, loojistiksii fi teeknooloojiin dhaabbata gurmaa’e uumamaa akka jiru ibsuu TOI gabaaseera.

Miseensonni Poolisii har’a eebbifamanis imaanaa ummataa fi mootummaa sirnaan akka bahatan hubachiisaniiru.

Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaawu gama isaaniin, hojiin ittisa yakkaa guddina saffisaa magaalattii giddugaleeffate bifa qindaa’een gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.