Fana: At a Speed of Life!

Kilaastara Sheedii Magaalaa

Magaalonni keenyaa sirnaakkoo qormaatilee hedduuf mandhee ta’aniidha; godaannisa hundeeffama isaanii irraa kaasanii amma har’aatti giddugala hiyyummaafi hojii dhabdummaan itti angaa’eedha.

Haata’u malee humni qabeenya jiran ida’ee sirnaan sochoosu jiraannan magaalonni keenya wiirtuu carraawwaniiti.

Mootummaan Jijjiiramaa keenya kana hundeerraa hubachuun galmoota magaalaa gurguddoo afur kaa’ee milkeessuf socho’uu irratti argama.

Kanneen keessaa tokko wabii nyaataa mirkaneessuudha.

Galma kana milkeessuf, mootummaan tarkaanfilee-addaa magaalonni dilbii qaban duguuganii fayyadamuuf isaan dandeessisu bocee xiyyeeffannoo addaan hojjachaa jira. Kana keessaa tokko misooma kilaastara magaalaa Oromiyaati.

Inisheetiviin kun bara 2016 jalqabus, gama hedduun ummata keenya fayyadamaa taasisaa jira.

Misooma kilaastara magaalatiin, waabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hintaane, dhiyeessii nyaata madaalawaa dhugoomsun dhaloota fayyaalessaaf dorgomaa ta’e horachuu kan barbaannu yoota’u, carraa hojii dabalataa umuufi qaala’iinsa gabaa tasgabbeessun hawaasa magaalaa fayyadaa jira.

Akkasumas aadaa hojii lammilee jijjiiruu, madda galii babaldhisuu, kaayyoo badhaadhina maatiifi biyyaa mirkaneessuuf qabanne utubuus jalqabeera.

Haaluma kanaan, mootummaan keenya bara 2016 irraa eegalee kilaastara loon foonifi aannanii, kilaastara horsiisa lukkuu foonifi killee, kilaastara horsiisa booyyeefi qurxummii ijaaruufi babbaldhisuu irratti xiyyeeffannoon hojjachuu irratti argama.

Furdisa looniitiif, bara 2016 kilaastara 2,784’fi loon kuma 244 oliin jalqabuun bara hanga bara 2017 kurmaana 2ffaatti kilaastara gara 13,669’fi loon foonii gara kuma 442 oliitti kan guddisneedha.

Horsiisa loon aannaniitiin, bara 2016 kilaastara 2,532’fi dulloota kuma 208’tin jalqabnee hanga bara 2017 baatii Muddeetti kilaastara gara 14,750’tti, dulloota aannanii gara kuma 360’tti guddisuu dandeenyerra.

Gama lukkuutin, bara 2016 kilaastara 9,328 ijaarun lukkuu mil. 37 galchuun kan jalqabne yoota’u, hanga bara 2017 baatii Muddeetti, lakkoofsa kilaastaraa gara kuma 22’tti, lakkoofsa lukkuu gara mil. 50 oliitti guddisuu dandeenyee jirra.

Horsiisa booyyeetiin, immoo bara 2016 hanga bara 2017 kurmaana 2ffaatti kilaastara 813 ijaaruun booyyee kuma 35’tti dhiyaatu horsiifamee jira.

Akkasumas, horsiisa qurxummiitin hanga ammaatti ijaarsa poondii 578 xumuruun qurxummii 298,431 itti horsiisaa kan jirru yoota’u, dabalataanis, walitti hidhamiinsa gabaa dhugoomsuf, hanga ammaatti giddugalli gabaa 1,152 ijaaramee jira.

Hojii ijaarsa kilaastaraa furdisaafi horsiisa loon aannanii, lukkuu foonifi killee, booyyeefi qurxummii irratti hojjatameen bara 2016 namoonni kuma 600 ol kallattiin akkasumas, bara 2017 hanga kurmaana lammaaffaatti nammoonni kuma 250’tti siqan, walumaagalatti namoonni kuma 850’tti siqan fayyadamoo ta’aniiru.

Walumaagalatti, tarkaanfii-addaa mootummaan hojiirra oolcheen magaalonni keenya omisha baadiyyaa eeggachuurraa gara omishanii gabaaf dhiyeessuutti ce’aafi madda carraa hojiifi galii baldhisaa kan jiran ta’us, dilbii jiranifi amma deemuu qabnu waliin yemmuu madaalamu, raawwii kun akka qubsaa ta’eetti kan fudhannu miti.

Imaammataafi sagantaalee misoomaa labsamanifi dhaabbileen ciccimoon sagantaalee misooma magaalaa qajeelchuuf, hordofuufi gamaggamaa deemuu nu barbaachisaa.

Akkasumas gama kanaan carraawwan jiran caalatti damee dhuunfaatti agarsiisuuf bakka barbaachisutti giddu-seentummaa tarsiima’aa barbaachisa.

Hojiin kilaastara magaalaa caalmatti bu’a qabeessa ta’ee akka deemu, beekumsaafi teknolojiitti (fkn, mala namaatin diqaalomsuu) dhimma bahuu, ogummaan deeggaruun iddoo xiqqaarraa omisha olaanaa argamsiisuu; fayyaa hormaataa eegufi qulqullina omishaa dabaluu akkasumas hidhata gabaa, indastirii godoofi manufaakchariingii umuu irratti xiyyeeffannoon akka hojjatamu hubachiisuun barbaada.

Misoomni kilaastara sheedii magaalaa jalqabbii mootummaatiin ta’us, guddina hunda hammateef karoora qabameedha. Kunis magaalota gara wiirtuu oomishtummaafi carraatti jijjiiruun, tarkaanfiwwaan galmoota badhaadhina qabannee jirru fulduratti furguugsuuf dandeettii qaba.

Ta’us, mul’ata kana dhugoomsuuf kalaqa, ittifufiinsaan hordofuu, tumsa sochii waloo kan gaafatuudha.

Dilbii magaalonni keenya qaban duguugnee fayyadamuun galmoota sektara magaalaa milkeessuuf, hojmaata sirrii diriirsuufi xiyyeeffannaa addaatin socho’uutu nurraa eegama.

Humna namaafi leecalloo qabnu hunda haalan gurmeessinee hojiitti galchuun dhimma boruuf hinjedhamnedha; har’a jalqabuu qaba.

Naannoon keenya qormaanni jiru guddaadha; carraan jiranis akkasuma; kana jijjiiruuf poteenshaala qabnu qixaan hubachuun xiiqiifi aantummaa biyyaan akka hojjennu asumaan dhaamuun barbaada.

Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.