Oromiyaatti uwwisa humna Elektirikaa waliin gahuuf hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Mudde10, 2017 (FMC) –Kutaalee hawaasaa sarara Elektirikaarraa fagaatanii argaman filannoowwan maddoota anniisaa biroo fayyafamuun uwwisa humnaa waliin gahuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa beeksise.
Kanaanis abbootii warraa miiliyoona 1.3 ol fayyadamoo taasisuun danda’amuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa uwwisni dhiyeessa humnaa naannichaa % 49.8 qaqqabuu Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaatti Daayrektarri misooma qabeenya Inarjii Obbo Tasfaayee Sooressaan himaniiru.
Maddoota anniisaa Soolaarii, Baayoo Gaazii fi kanneen biroo babal’isuun kutaalee hawaasaa kanneen fayyadamoo humnaa taasisaa jiraachuu Obbo Tasfaayeen ibsaniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.