Itiyoophiyaa fi Taanzaaniyaan dameewwan garaagaraan waliin hojjechuuf waliigalan
Finfinnee, Mudde 8, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaa fi Taanzaaniyaan dameewwan garaagaraan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.
Waliigaltichi marii waloo Komishinii Ministirootaa Itiyoo-Taanzaaniyaa gaggeeffamerratti mallatteeffamuun ibsameera.
Biyyoonni lameen fuulduraatti dameewwan garaagaraan waloon hojjechuuf murannoo qabaachuun ibsameera.
Waliigaltichi dameewwan ,nageenyaa fi tasgabbii Diinagdee,Tuurizimii, Qonna, Invastimantiifi kanneen biroorratti waloon hojjechuuf kan dandeessisuu ta’uun himameera.
Waliigalticha Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoosi fi Ministirri Dhimmaa Alaa Taanzaaniyaa fi Ministirri Walta’iinsa Afrikaa Bahaa Ambaasaaddar Mahaammuud Tahaabiit Koomboo mallatteessuun eerameera.
Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.