Magaalattiitti bakkeewwan shaakala Ispoortii fi taphaa kumni 1 fi 314 tajaajila kennaa jiru
Finfinnee, Mudde 5, 2017 (FMC)-Waggoottan darban Magaalattiitti bakkeewwan shakalaa Ispoortii fi taphaa kumni 1 fi 314 tajaajila kennaa jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.
Mata duree “Gurmaa’iinsa Mana Maree Ispoortii Cimaa Badhaadhina Hunda Galeessaaf” jedhuun Yaa’ii idileen Mana Maree Ispoortii Magaalaa Finfinnee gaggeeffameera.
Waggoottan jijjiiramaa darban guddina Ispoortii Magaalaa Finfinnee mirkaneessuuf, akkasumas, dhaloota qaamaa fi sammuun dagaage ijaaruuf hojilee bal’aan hojjetamuu Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Magaalattiitti bakkeewwan shaakala Ispoortii fi taphaa kumni 1 fi 314 ijaaramuun tajaajila kennaa jiraachuus fakkeenyummaan kaasaniiru.
Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf kutaalee magaalattii hundaatti sagantaalee leenjii ispoortii dargaggoota guddattootaa 128 banuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Hawaasni faayidaa Ispoortiin qabu hubachuun sochiiwwan Ispoortii garaagaraarratti hirmaannaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia