Ashaboo fi Fayyaa
Finfinnee,Mudde 3, 2017 (FMC) – Ashaboon gosoota mi’eessituu nyaataaf oolan keessaa tokko.
Fayyadamni ashaboo soodiyeemii yommuu dabalu dhiibbaan dhiigaa, rakkooleen fayyaa onneen walqabatan akka babal’atan qorannoon ni mul’isa.
Ashaboo baay’isuunis ta’e, hanqinnisaa miidhaa akka qabu qorannoon yeroo adda addaa taasiifame ni agarsiisa.
Qabiyyee ashaboo haala addaddaatiin nyaata keessaa argachuun kan danda’amu yammuu ta’u, namni tokko giddugaleessan guyyaatti ashaboo giraama 5 (fal’aana tokko) fi isa gadi fudhachuu akka qabu ogeeyyiin yaala fayyaa ni dubbatu.
Akka qorannoon agarsiisutti ammoo namni tokko giraama 10 ol fudhataa jira jedhame.
Ashaboo yeroo hunda baay’isanii nyaachuun dhibeewwan adda addaaf nama saaxila.
Dhibeewwan kannee keessaa muraasni,
-Dhiibbaa dhiigaa fi Istirookii,
-Dhukkuba onnee,
-Dhukkuba kalee,
-Haphina lafee,
-Ulfaatinni qaamaa dabaluu,
-Kaansarii garaachaa…kkf
Addunyaarratti namoonni miiliyoonni 1 fi kumni 900 ol ta’an ashaboo baayyisanii fayyadamuun wal qabateen du’aaf kan saaxilaman ta’uu ibsameera.
Maddi:- Fuula Waa’ee Fayyaa
#Oromia #Ethiopia