Fana: At a Speed of Life!

Wabii nyaataa sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jiru fakkeenya-Pirof. Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Mudde 2, 2017 (FMC)- Wabii nyaataa sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jiru fakkeenyummaan kan ibsamuudha jedhan Ministirri Ministeeraa Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan.

Hooggantoonni Naannoo fi Federaalaa hojiiwwan misooma qonnaa, giddugala gabbisa Hoolaa fi Re’ee, giddugala makanaayizeeshinii qonnaa, Xaa’oo uumamaa, kilaastara qamadii fi Ashaaraa Magariisaa Godina Baalee Aanaa Agaarfaa daawwataniiru.

Daawwannicharratti Pirofeesar Birhaanuu Naggaan hojiiwwan karoorfamanii hojjetamaa jiran milkaa’uu akka danda’an hojiiwwan damee qonnaa godina Baaleetti hojjetaman agarsiiftuudha jedhan.

Haalli itti fayyadama hojmaata kilaastaraa fi teeknooloojii qindoominaan hojiirra oolchuun wabii nyaataa sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jiru fakkeenyummaan kan ibsamu ta’uu dubbataniiru.

Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdullaakiim Aliyyii gamasaaniitiin, imaammanni mootummaan hojiirra oolaa jiruu ittifufsiisuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Godinichatti damee qonnaatiif xiyyeeffannaan kennamee hojii hojjetamaa jiruunis bu’aawwan olaanaan galmaa’aa jiraachuu eeruu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.