Hanga omisha bunaa waggaatti toonii kuma 500 ture dachaan guddisuun danda’ameera-Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Mudde 2, 2017 (FMC)- Waggoota shanan darbanitti hojiiwwan omishtummaa bunaa guddisuuf hojjetamaniin hanga oomisha bunaa waggaatti toonii kuma 500 ture dachaan guddisuun danda’ameera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dktar Abiy Gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Itiyoophiyaa bakka argama bunaa qofa utuu hinta’iin biyya olaantummaadhaan buna oomishtu akka taatu gochuuf hojiiwwan jalqabaman cimanii itti fufaniiru.
Waggoota shanan darbanitti oomishtummaa bunaa guddisuuf hojiiwwan hojjetamaniin, hanga omisha bunaa waggaatti toonii kuma 500 ture dachaadhaan guddisuun danda’amuu ibsaniiru.
Gama galiitiinis bara 2016 daldala alaa bunaarraa Doolaarri biiliyoona 1.4 ol kan argame yoo ta’u, bara bajataa qabame kanatti ammoo gara biiliyoona 2’tti guddisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Adeemsa hamma yoonaatti jiruun bu’aawwan jajjabeessaan karoorichaa galmaan gahuuf dandeessisan galmaa’aa jiraachuu eeraniiru.
Misooma jallisii bunaa ammayyaa fi funaansa bunaa maashiniidhaan deeggarametti fayyadamuudhaan hektaara tokkorraa hamma kuntaala 60’tti argachuu danda’uun milkaa’ina kanaaf agarsiiftuu gaarii ta’uu akeekaniiru.
#Oromia #Ethiopia