Haasawa jibbiinsaa eenyummaarratti xiyyeeffate qolachuuf tattaaffiin waloo akka taasiifamu waamichi dhiyaate
Finfinnee,Mudde 1, 2017 (FMC) – Haasawa jibbiinsaa eenyummaarratti xiyyeeffate qolachuuf tattaaffiin waloo akka taasiifamu Gamtaan Afrikaa waamichi dhiyaasse.
Yaa’iin Ittisa Haasawa Jibbiinsaa Sanyummaarratti xiyyeeffate Ruwaandaa Magaalaa Kiigaalitti gaggeeffameera.
Haasawa jibbiinsaa eenyummaarratti xiyyeeffate qolachuuf tattaaffiin waloo akka taasiifamu Yaa’icharratti kan hirmaatan Eargamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Adaamaa Deeng waamichi dhiyaasaniiru.
Adaamaa Deeng ajjeechaan jumlaa Ruwaandaatti bara Faranjootaa 1994 lubbuu lammiilee miiliyoona tokkotti hiiqu galaafate duula haasawa jibbiinsaa sanyummaarratti xiyyeeffateen ta’uu kaasaniiru.
Haleellaa sanyii fi gosummaarratti xiyyeeffate dabalee haawasa jibbiinsaa, akkasumas haalota biroo eenyummaa bu’uureeffachuun dhiibbaa qaqqabsiisan qolachuuf tarkaanfii saffisaan qindoomina qabu akka fudhatamu waamicha dhiyeessaniiru.
Haasoofni jibbiinsaa qajeeltoowwanii fi dambiiwwan mirga namoomaa, waldanda’uu, ida’amuu, sabdaneessummaa fi walummaa sarbuu ta’uu hubachiisuu Zyiiniwaan gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia