Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Ministira Muummee Itti Aanaa Cheek waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC)- Ministrri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Ministira Muummee Itti Aanaa Rippaabilikii Cheek Maariyaan Juureeskaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Itiyoophiyaa fi Rippaabilikiin Cheek biyyoota hariiroo gaarii qaban ta’uu eeruun, dameewwan diinagdee, daldalaa fi invastimantii, qonnaa fi inarjiirratti walta’iinsa qaban cimsuu akka qaban eerameera.

Rippaabilikiin Cheek miseensummaa Gamtaa Awurooppaa fi Gamticha keessatti biyya michuu Itiyoophiyaa ta’uu eeranii michummaa jiru daran cimsuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Maariyaan Juureeskaan gama isaaniin, turtii Itiyoophiyaatti taasisaniin hoggantoota hojii garaagaraa waliin marii bu’aa qabeessaa taasisuu himaniiru.

Jila Bizinasii biyya isaanii dursuun akka dhufanii fi turtii isaaniin hojiilee hariiroo diinagdee Rippaabilikii Cheek cimsan hojjetamu dubbataniiru.

Dabalataan Itiyoophiyaan Afrikaarraa michuu ijoo ta’uu fi hariiroo jiruuf xiyyeeffannaa addaa akka kennan eeruu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.