Fana: At a Speed of Life!

Deenmaarki Inisheetiivii Qabeenya Qilleensaa Itiyoophiyaa akka deeggartu beeksiste

Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC)- Deenmaarki Inisheetiivii Qabeenyaa Qilleensaa fi misooma Magariisaa Itiyoophiyaa akka deeggartu beeksiste.

Ministirri Maallaqaa Biyyattii Nikoolaay Waaman turtii Ministira Maallaqqaa Obbo Ahimad Shidee waliin taasisaniin dameewwan garaagaraan biyyoonni lameen hariiroo qaban cimsuuf waliigaluu dubbataniiru.

Yaa’ii jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP29) wayita gaggeeffametti Itiyoophiyaa fi Deenmaark walta’iinsa qaban calaqqisisuu yaadachiisanii, kunis hariiroo fuulduree biyyoota lameenii sadarkaa caalutti akka ceesisu kan akeekuudha jedhan.

Qabeenya qilleensaa biyyattiirratti kan hojjetan ta’uu ibsuun, damee misooma magariisaan Afrikaatti adda duree kan taate Itiyoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuutti kan gammadan ta’uun ibsameera.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu akka fakkeenyaatti eeruun, Deenmaarki waggoottan itti aanaan Inisheetiivii Magariisaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 200 akka taasistu mirkaneessaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa ummataa hirmaachisuun hojiirra oolchaa jirtus biyyi isaanii kan deeggartu ta’uu eeraniiru.

Dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuuf walta’iinsaan hojjechuun murteessaa ta’uu kaasanii, bu’aan isaa kan walooti jedhan.

Deenmaarki jijjiirama qabeenya qilleensaaf deeggarsa taasisuun adda duree ta’uu fi akka fakkeenyaatti kan eeramtu ta’uu himuun, qaamoleen hunduu jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taasifamu deeggaruu akka qaban akeekaniiru.

Wandasan Araggaahanyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.