Dooktar Girmaa Amanteen Ministira Muummee Itti Aanaa Riippaablika Cheek waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Ministira Muummee Itti Aanaa Riippaablika Cheek Maariyaan Juureeskaa waliin mari’ataniiru.
Dooktar Girmaan Amanteen Itiyoophiyaatti Misooma Qonna Qamadii,Maaddii Guutuu fi Ashaaraa magariisaan bu’aa argame ilaalchisee ibsa taasisaniiru.
Oomishaa fi oomishtummaa caalmaatti guddisuuf Mootummaan Itiyoophiyaa Riippaablika Cheek waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu kaasaniiru.
Ministirri Muummee Itti Aanaan Riippaablika Cheek Maariyaan Juureeskaa gama isaaniin hojiilee misoomaa Mootummaan Itiyoophiyaa hojjetaa jiru qindisiifachuun, biyyi isaanii dhiyeessa teeknooloojii qonnaa fi misooma Beelladaarratti mootummaa Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf murannoon jiraachuu ibsaniiru.
Jilli Maariyaan Juurkaan durfamu meeshaalee qonnaa, Tiraaktirootaa fi giddugala qindeessa meeshaalee qonnaa mooraa Koorporeeshiniin Hojiilee Qonna Itiyoophiyaa keessatti argamu daawwachuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia