Fana: At a Speed of Life!

Tiraamp daa’imman US’tti dhalataniif seera battala lammummaa US kennu dhorkuuf ta’uu himan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC) – Pireezidantii Ameerikaa ta’uuf kan filataman Donaald Tiraamp namoota Ameerikaa keessatti dhalataniif battala lammummaa biyyattii argachuu seera eeyyamu ni dhorkina jechuun dhaadatan.

Seerri ‘birthright citizenship’ jechuunis lammummaa dhalootaan kennamu namoonni lammummaan isaanii maalis ta’u Ameerikaa keessatti yoo dhalatan kallattiin lammummaa biyyattii akka argatan eeyyama.

Kan maatiin isaanii lammii biyya biraas ta’u yookiin bakka biraa dhalatanis inuma argatu ture.

Seerri kuni heera Ameerikaa keessa kan taa’eefi ”namni hunduu” Yunaayitid Isteet keessatti dhalate ”lammiilee Yunaayitid Isteetidha,” jedha.

Tiraamp garuu seera kana dhorkuuf akka sosso’an turtii NBC waliin taasisaniin dubbatan.

Gama kaaniin, akkuma duula filannoorratti dhageessisaa turan baqattootaa ragaa jireenyaa hin qabne biyyaa akka baasan dubbatan.

tarkaanfiin kun kan maatiin isaanii lammiilee US ta’anis dabalata jedhan.

”Maatii addaan baasuu hin barbaadu,” kan jedhan Tiraamp ”karaan tokkochi maatii adda itti hin baasne hunda isaanii bakkatti deebisuudha,” jechuun himuu isaanii BBCn miidiyaa NBC wabeeffachuun gabaaseera..

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.