Fana: At a Speed of Life!

Filannoon daandii nagaa Itoophiyaa qe’ee sabaa fi sablammootaa ceessisa-Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan

Finfinnee, Sadaasa 29, 2017 (FMC)- Filannoon daandii nagaa hordofames, imala guddinaa fi abjuu badhaadhinaa qabame, milkeessa; Itiyoophiyaa qe’ee sabaa fi sablammootaa ta’uun beekamtu ceessisa jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Adde Sa’aadaa Abdurraahmaan.

Aadde Sa’aadaan gama miidiyaa hawaaasummaa isaniin akka ibsanitti, mallattoo tokkummaa, obbolummaafi walqixxummaa keenyaa ta’ee waggaa waggaan kan yaadatamu, Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa Marsaa 19ffaa Naannoo Kibba Itoophiyaa Magaalaa Arbaa Miincitti kabajameera.

Injifannoon tokkummaa sabdaneessummaa keenyaan argame, misoomaafi nagaa ummata keenyaa waaressuun dhugooma jedhan.

Araarriifi waliigalteen nagaa tibbana taasifames, ummanni keenya misooma isaa irratti fuulleffatee jijjiirama qabatamaa qe’eefi naannoo isaatti fiduun galmoota misoomaa karoorfaman dhugoomsuu keessatti gahee isaa adda durummaan akka bahatu kan taasisu ta’uu ibsan.

Filannoon daandii nagaa hordofames, imala guddinaafi abjuu badhaadhinaa qabannee hojjechaa jirru milkeessa; Itiyoophiyaa qe’ee sabaafi sablammootaa ta’uun beekamtu ceessisas jedhan.

Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa Marsaa 19ffaa bara kanaas, hirmaannaa ummata bal’aan dabaalamee, sadarkaa Naannoo Oromiyaa irraa eegalee hanga biyyaatti injifannoowwan dachaa keessummeessuun kabajamuu himan.

Milkaa’ina kabaja guyychaaf, ummanni, qaamoleen nageenyaa fi magaalonni naannoo Oromiyaa obbolummaa dhugaafi duudhaa Oromummaan keessummaa simattanii dabarsitan kabajatu isiniif mala jedhaniiru.

Wayita gara qe’ee isaanitti deebi’anis aadaa fi duudhaa ittiin beekkamtaniin nagaa, jaalala, obbolummaafi haammattummaa isinirraa qooddachuun deebi’anii akka galan taasisuu keessatti gahee isaanii akka bahattan dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.