Dooktar Abiy hidhattoonni Nageenya Itiyoophiyaaf akka dhaabbatanii fi daandii nagaa akka filatan waamicha dhiyeessan
Finfinnee, Sadaasa 29, 2017 (FMC)-Akkuma hidhattoonni Naannoo Oromiyaa keessa socho’aa turan karaa nagaa filatan, hidhattoonni naannolee biroo keessa socho’anis nageenya Itiyoophiyaaf akka dhaabbatanii fi daandii nagaa akka filatan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.
Guyyaan Sabaa fi Sablammootaa 19ffaan Magaalaa Arbaa Mincitti Mata duree “Waliigaltee Biyyaalessaa tokkummaa Sabdaneessaaf” jedhuun kabajamaa jira.
Sirna kabaja guyyichaarratti Dooktar Abiy Ahimad ergaa dabarsaniin tibbana Naannoo Oromiyaatti hidhattoonni hidhattoonni kumaatamatti lakkaa’aman waraanarraa nageenyi incaala, marii wayya jechuun garaa nagaatti akka dhufaan yaadachiisaniiru.
Murtee fi jalqabbii gaariin kun naannolee garaagaraatti hidhannoon, walajjeesuudhaan injifannoo ni argama jechuun kanneen socho’an, nageenya Itiyoophiyaaf akka dhaabbatanii fi daandii nageenyaa akka filatan irraa deebiin waamicha dhiyeessa jedhaniiru.
“Abbaayiin kan Abbaay kan jechisiise waloon yaa’uu isaaniiti. Ddhidheessaa, daabbusii fi laggeen hedduu dabalatee dabalamee yoo yaa’uu, biyyee, dhagaa, gaarri, mukni utuu hindhaabin, hundaa injifataa hamga fageenya barbaadeetti imaluu danda’a. Boo’iin keessa ya’u kun seenessii sabdaneessaa jedhama. Id’amuun sun ammoo Itiyoophiyummaa jedhama.
Akka abbaayitti yoo ida’ame, sabdaneessummaan yoo boo’ii tokkoo keessaa imalle, nageenya yoo dursine, waltajjiiwwan addunyaarratti, Itiyoophiyaan biyya guddoo taatee, badhaadhina ijoollee isheef dabarsuu akka dandeessu, tokkoon tokkoo lammii itti gaafatamaa ta’uu hubachuun seenaa, asharaa hindabarree hojjechuu akka danda’u dhaama” jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia