Fana: At a Speed of Life!

Seenessii waloo cimsuun tokkummaa sabdaneessaa daran jabeessuun murteessaadha-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 29, 2017 (FMC)- Seenessii waloo cimsuun tokkummaa sabdaneessaa daran jabeessuun murteessaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Guyyaan Sabaafi Sabalammootaa 19ffaa Magaalaa Arbaa Mincitti kabajamerratti Dooktar Abiy haasawaa taasisaniin Itiyoophiyaa sabdaneettii ijaaruu fi bu’uuressuuf guyyaan sabaa fi sablammootaa ummatootaa kabajamuun gahee olaanaa akka qabu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan akka mana kitaabaa guddaa tokkooti kan jedhan Dooktar Abiy keessa isheetti seenaawwan, afaanotaa fi beekumsi akkasumas ogummaan garaagaraa kan argamu ta’uu ibsaniiru.

Guddummaa Itiyoophiyaa daran beekuuf gara nagaatti deebi’uun, Itiyoophiyaa beekuu fi badhaatuu taasisuuf waloon haa hojjennuu jedhaniiru.

“Kitaabni tokko qofaa isaa guutuu miti. Kitaabni tokko kitaabilee garaagaraa hedduurraa kan waraabameedha. Tokkoon tokkoo sabaa, qofaa isaa guutuu miti. Duudhaa, aadaa, seenaa, afaan tokkoon tokkoo sabootaarraa barata. Namni tokkoo kitaaba tokkoo barreessuuf akkuma kitaabilee hedduu qoratu, namni tokko lammii Itiyoophiyaa jedhamuuf waa’ee sablammootaa hedduu gadi fageenyaan beekuu fi baruu qaba” jechuun ibsaniiru.

Itiyoophiyaan galanaa waraabamtee hindhume waan taateef beekumsaa xiqqoon Itiyoophiyaa ibsuuf yaaluurra waa’ee Itiyoophiyaa yeroo hundaa qorachuuf yaaluun barbaachisaa ta’uu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.