Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 5 caale

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Turtii Baatii afurii fi walakkaa keessatti addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 5 caaluu ibsame.
 
Bara Faranjootaa Muddee 29, 2019 Chaayina Bulchiinsa Wuubee magaalaa Wuhaan keessaattin kan muul’ate vaayrasiin koroonaa yeroo ammaa biyyoota 216 keessatti muul’achuu isaa ibsameera.
 
Hanga guyyaa har’aatti namoota miiliyoona 5 fi kuma 11 fi 602 vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 25 fi 460 lubbuun darbaniiru.
 
Akka ragaan ‘Worldometer’ jedhamu agarsiisuutti namoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 9 fi kumni 76 fi 488 ammoo dhibicharraa dandamataniru.
 
Bara Faranjootaa Bitootessa 11, 2020 Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibee kana sadarkaa weerara addunyaatti labsuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Ityoophiyaatti Baatii lamaa fi guyyaa 8 keessatti namoota 389 irratti muul’ateera.
 
Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaa Bitootteessa 4, 2012 magaalaa Finfinneetti lammii Jaappaan nama umrii waggaa 48 tokkorratti muul’achuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Waliigala namoota biyyattiitti vaayrasiin koroonaa irratti argame keessaa 228 jiraattoota magaalaa Finfinnee ta’uu isaanii ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.