Fana: At a Speed of Life!

Hidhaa haaroomsaa guddicharratti ambaasaadarootaaf ibsi laatame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) –Ambaasaadaroota biyyoota Eeshiyaa Paassifikii fi Giddugala Bahaaf waa’ee hidha haaroomsaarratti ibsi laatame.
 
Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachoo fi Injiinar Geediyoon Asfaw Hidha Haaromsa Guddicharratti ambaasaadaroota kanneef ibsa laataniiru.
 
Kaayyoon ibsichaa haala ijaarsaa fi marii Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi gidduutti taasifamaa ture ilaalchisee haala qabatamaa jiru ambaasaaddaroota kanneen hubachiisuufi jedhame.
 
Hidhaan haaroomsaa jalqabaa eegalee deeggarsa ummata Ityoophiyaan Proojaktii hojjetamaa jiru yoo ta’u, yeroo ammaa anniisaa maddisiisuuf boqonnaa dhumaarraa ga’uu isaa himameera.
 
Hidhaan Haaroomsaa Guddichi Ityoophiyaa biyyoota yaa’a isaa fi guutuu ardii Afrikaaf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsameera.
 
Biyya kamirrattu dhiibbaa akka hin qaqqabsiifne waltajjicharratti ibsameera.
 
Erga ijaarsa isaa eegalamee Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi gidduutti mariin gaggeeffamaa kan ture ta’uu fi ammas garaagarummaa jiru furuuf Ityoophiyaan ejjennoo qabaachuu ishee ibsameera.
 
Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa %73 kan ga’e yoo ta’u, baatii Adoolessaa, 2012 irraa eegalee bishaan kuusuu akka eegalu himameera.
 
Ibsaan booda ambaasaaddaroonni maricharratti hirmaatan garaagarummaan biyyoota sadeen gidduu jiru akkaataa seera idila addunyaan marii fi waliigalteen furamuu akka danda’u amantaa qaban ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.