Fana: At a Speed of Life!

Waa’ee keellaawwan seeraan alaa 283

Finfinnee, Sadaasa 24, 2017 (FBC)- Saffisaa loojistiksii fi sochii oomishaalee kan daangessan keellaawwan 283 sadarkaa biyyaalessaatti naannolee hundaatti akka argaman Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ibse.

Manni Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa walga’ii idilee 8ffaa gaggeesseera.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Kaasaahuun Goofeen gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebii kennaniin dhimmi qaraxaa xiyyeeffannaa akka barbaadu, keellaawwan akka kaafamaniif mootummaan murteesse sababoonni garaagaraa barbaadamuun keellaawwan seeraan alaa 283 sadarkaa biyyattiitti babal’atanii akka argaman himaniiru.

Keellaawwan seeran alaa kunneen sochii bilisaa oomishaalee fi saffisaa loojiistiksii kan daangessan ta’uus dubbataniiru.

Fooyya’iinsi Diinagdee Gooroo erga eegalamee hanga ammaatti guyyuu to’annoo fi hordoffiin gabaa gaggeeffamaa jiraachuu kan kaasan Dooktar Kaasaahuun, baatiiwwan shanan darban daldaltoota qaala’iinsi jireenyaa akka hammaatu taasisan kuma 100 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.

Baatiiwwan darban Zayiitni nyaataa liitiriin miiliyoona 200 ol ‘Firaankoo Vaaluutaan’ alarraa galfamuun gabaaf dhiyaachuu himaniiru.

Shaambal Mihiretitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.