Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Dr. Abiy Ahimad ayyaana Fiichee Cambalaalaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ayyaana Fiichee Cambalaalaa bara 2012 ilaalchisee ergaa baga isiniin ga’ee dabarsan.
 
Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa hambaa Kiliyaa Ityoopiyaan sadarkaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii ‘UNESCO’ tti galmeessifte shan keessaa tokko ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.
 
Ityoophiyaan aadaa, duudhaalee fi uummamaan hedduu badhaatuu ta’uu ishee kunneen ragaadha jedhan.
 
Ummaanni Ityoophiyaa abdiin kan guuttaman, waan haaraa cimsanii akka hawwan, ayyaanni Fiichee Cambalaalaa agarsiiftuu tokkoodha.
 
Fiichee Cambalaalaan ayyaana abdii fi si’oomninaan eeggamuudha jedhan Muummeen Minsitiraa FDRI.
 
Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa barri dhufu bara nageenyaa, jaalalaa fi badhaadhinaa akka ta’u uumaaf ayyaana kadhannaan itti dhiyaatu ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.
 
Yeroo ayyaana Fiichee Cambalaalaa gorsi maanguddoonni laataan duudhaalee murteessoo ta’an torbarratti kan hundaa’eedha.
 
Ummanni cimee akka hojjetu, jaarsolii akka kabajanii fi gargaaraan, biqiltuu akka dhaaban fi kunuunsan, namoonni albaadhessummaarra akka fagaatan, taa’anii kadhachuun akka balaleeffatamu, hannaa fi sobaan ragaa ba’uurraa akka of qusatan gorsu jedhan.
 
Ayyaanichi waan qaban walii qooduu barsisaa, bulchiinsi gaariin akka jiraatu gaafata, walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu fi waliin jiraachuu kan jajjabeessudha jedhan.
 
Hunda caalaa ayyaanni Fiichee Cambalaalaa daa’immannii fi ce’umsa beekkumsaaf iddoo olaanaa qaba.
 
Taatewwan guyyaa ayyaanichaa raawwatan eenyummaan keenya akka beekkamu taasisa.
 
Beekkumsi dhalootarraa dhalootatti kan darbu bifa hiibboo fi sheekkoon tibba Fiichee cambalaalati.
 
Kunis duudhaa yeroo kamiiyyuu dinqisiifamuu qabauudha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI ergaa ayyaannicha ilaalchisuun dabarsaniin.
 
Ayyaana Fiichee Cambalaalaa bifa addaan kabajuuf fedhii guddaa qabna ture.
 
Yaa ta’uutii, sababa weerara vaayrasii koroonaan akka kanaan duraa bakka ummanni hedduun argamanitti kabajuun hin danda’amne.
 
Jaarsooliin Sidaamaa haala addunyaan irra jirtu hubachuun ayyaanichi manatti akka kabajamu ergaa dabarsuu isaaniif hunda caalaa galanni koo guddadha jedhan.
 
Kunis ummataa fi biyyaaf hanga itti gaafatamummaan akka itti dhaga’amu kan muul’isuudha.
 
Qajeelfama jaarsoliin Sidaamaa dabarsan fudhachuun hundi keenya mana keenya ta’un, harka keenyaa dhiqachaa, fageenyaa keenyaa eeggachaa, namoota biroo gargaaraa ayyaana bara kana waliin yaa kabajnu jedhan.
Eeyyama waaqayyoo ta’ee,weerarri kun darbee bara dhufuun yoo nu ga’e akka kanaan duraa ummata Sidaamaa mara waliin addabaabayii Guuduumaaleetti kabajuuf uumaan nu yaa gargaaru jedhan ergaa Fuula Feesbuukii isaaniin ayyaanicha ilaalchisuun dabarsanii,
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.