Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaan dabalataan namoota 24 irratti argame

Fifninnee, Caamsaa 7, 2012 (FBC) –– Qorannaa sa’aa 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 24 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 3,460 qoratameera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 389 qaqqabeera.

Namoonni vaayrasichi irratti argame hundinuu Ityoophiyaanota umriin isaan waggaa 4 hanga 58 yoo ta’an, koorniyaadhan dhiira 18 fi dubartoota 6.

Namoonni 8 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabu.

Namoonni 12 ammoo seenaa imala alaa qabu.

Namni 4 ammoo tuttuqaas seenaa imalaas hin qaban.

Namoonni 9 jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an,
namoonni 7 ammoo naannoo Tigraay tursa Dirqii Maqalee.

Namoonni 8 naannoo Amaaraa tursa dirqii Matammaa keessaa.

Namoonni haaraan 2 dhibicharraa dandamataniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni dandamatan 122 qaqqabaniiru.

Namoonni 260 yaaalarratti argamu.

Waliigala namoota 65,760 qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.