Fana: At a Speed of Life!

Haallii weerara vaayrasii koroonaa torbee lamaan darbe keessa muul’ate kan baatii lamaan darbanii caalaa yaddeesaadha jedhame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Haallii weerara vaayrasii koroonaa torbee lamaan darbe keessa muul’ate kan baatii lamaan darbanii caalaa yaddeesaadha jedhame.
 
Tatamsa’inni weerara vaayrasii koroonaa torbee lamaan darbe keessa muul’ate kan baatii lamaan darbanii caalaa yaaddeessaa ta’uu Mnisteerri Fayyaa beeksiseera.
 
Haala waliigala tatamsa’ina weerara vaayrasichaa ilaalchisee Minsteerri Fayyaa fi Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa ibsa waloo laataniiru.
 
Torbee lamaan darban keessa Ityoophiyaatti namoonni 230 vaayrasii koroonaan qabamuu isaanii Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
 
Guyyoota lamaan darban keessatti qofa namoota 49 irratti muul’ateera jedhan Dooktar Liyaan.
 
Haalli kun weerarichi sadarkaa yaaddeessaarra jiraachuu isaa muul’isa jedhan.
 
Namoota vaayrasichaan qabaman 365 keessaa namoonni 56 seenaa imala alaa fi tuttuqaa kanneen hin qabne ta’uu daayreektarri olaanaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Dooktar Eebbaa Abaataan ibsaniiru.
 
Namoota kanneen keessaa %48 magaalaa Finfinnee keessatti kan argaman waan ta’eef hawaasni of eeggannoo cimaa taasisuu akka qaban dubbataniiru.
 
Namoota seenaa imalaa hin qabne keessaa namoonni 45 magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Liddataatti kan argaman ta’uu ibsameera.
 
Kutaa magaalichaatti namoonni 32 tuttuqaa nama tokkoon qabamuu isaanii Dooktar Eebbaan himaniiru.
 
Kun ammo tatamsa’inni vaayrasichaa hanga ariifataa akka ta’e kan muul’isuudha jedhan Dooktar Eebbaan.
 
Buufata Poolisiitti tuttuqaa nama tokkoon namoonni 66 vaayrasichaan qabamuu isaaniis ibsameera.
 
Magaalaa Finfinnee gabaa markaattoottis lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii dabalaa dhufuu Hogganaan Biiroo Fayyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaan ibsaniiru.
 
Magaalichatti hojii sakkatta’iinsa mana manarraa marsaa 2ffaa taasifamaa jiruun namoonni seenaa imalaa fi tuttuqaa hin qabne argamaa jiraachuu Dooktar Yohaannis himaniiru.
 
Haalli amma muul’ataa jiru haalaan yaaddeessaa ta’uu eeraniiru.
 
Weerarri vaayrasichaa hanga ammaatti bulchiinsa magaalootaa lamaa fi naannoolee 7 keessatti muul’achuu isaa ibsa kennameen eerrameera.
 
Sooddoo Lammaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.