Fana: At a Speed of Life!

Waadaa qabatamaan raawwachuun mallattoolee Paartii Badhaadhinaati –Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Sadaasa 21, 2017 (FBC)-Waadaa galame qabatamaan raawwachuun mallattoolee Paartii Badhaadhinaati jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Obbo Adam Faaraah.

Sagantaan xumuraa Waggaa 5ffaa hundeeffama Paartii Badhaadhinaa Bakka Ministirri Muummee FDRI fi Pireezidaantiin Paartichaa Dooktar Abiy Ahimad argamanitti Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajameera.

Waltajjicharratti Obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, kaayyoon kabaja guyyichaa hundeeffamaa isaarraa eegalee imala hanga ammaatti jiruuun bu’aalee galmaa’an leellisuu fi waadaa galame haaromsuufi.

Paartichi qormaatilee hedduu mudataniin gara carraatti jijjirruun injifannoowwan maalchisaa galmeessuu himan.

Galmi qabsochaa mootummaa cimaa ijaaruudha kan jedhan Obbo Adam, waadaa galame qabatamaan raawwachuun ammoo mallattoolee addaa paartichaa ta’uu kaasaniiru.

Waggoottan shanan darban dameewwan hundaan bu’aaleen seena qabeeyyiin galmaa’uu yaadachiisaniiru.

Bu’aalee argamaniin utuu hin dagamne bu’aalee argaman cimsuun itti fufna jedhaniiru.

Waggaa 5ffaa hundeeffama Paartiin Badhaadhinaa mata duree “Olaantummaa Yaadaa badhaadhina hundagaleessaaf” jedhuun sagantaalee garaagaraan kabajamaa turuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.