Dooktar Maqdas Dhaabaan jila Ambaasaaddara Faransaay waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 21, 2017 (FBC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan jila Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Faransaay Aleexsiis Laameekiin durfamu waliin dhimmoota damee fayyaan tumsaan hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Dooktar Maqdas,Itiyoophiyaan waggoottan dheeraaf damee fayyaan Faransaayi waliin walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessattuu Ittisa dhibeen, Fayyaa Daa’immanii fi Hadhooliin, Sirna walhormaataa fayyaan, leenjii ogeeyyii fayyaa fi kanneen biroorratti Ministeerri Fayyaa Dhaabbata misooma Faransaayi waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.
Deeggarsa Mootummaan Faransaay Itiyoophiyaaf taasisaa jirus galateeffataniiru.
Ambaasaaddar Aleexsiis Laamek gamsaaniin, ,Itiyoophiyaatti tajaajilli Fayyaa saffisaa jiraachuu eeruun,waloon ta’uun haaloota qorichaa Itiyoophiyaan biyya keessatti oomishaa jirtu guddisuurratti marii taasisuu himuu ragaan Ministeerichaarra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia